





🦚KAROORA DHABUUN- INJIFATAMUU DHA!!!🦚
Mee na caaqasaa! namoota lama ta’anii qurxumii qabuuf laga deeman. achii kiyyo(haada ittin qaban) isaanii darbaachuu jalqaban. akkuma beekamu kiyyoon isaanii qurxumii qabee fiduu jalqabe. inni tokko qurxummii kiyyoon isaa qabee fiduu hundaa keessa baafachuun qodaa isaa kessa kaa’uu jalqabe.
Inni isaa wajjin jiru immoo yeroo kiyyoon isaa qurxummilee gurguddaa qabee fiduutti; quxumiilee ishee xixiqqoo keessa fudhachuun warra gurguddaa keessatti deebisa. hiriyaan isaa sun maaliif qurxuummii isaa gurguddaa keessaatti deebistee ishee xixiqqoo qofa fudhattaa?
kaayyoon nuti dhufnee iyyuu yoo akka carraa argannee qurxummilee gurguddaa qabachuudha mitii? jechuun gaafatee. namichis akkas jechuun deebiseef, ” utuu qurxummiilee warra gurguddaakana akkumaa kee fuudhee galee baay’ee namatti tola ture. garuu, mana kootii eeleen irraatti bilcheeffannu xinnoo waan tateef qurxumiilee gurguddaan na hin barbaachisaan” jedhee deebiseef.
hiriyaan isaa sun gadduun akkas jedhe ” qurxumiilee gurgudda dhiistee galuu moo galtee eelee kee ishee xiqqoo jijjiiruu wayya turee?” jedheen jedhama.
.
.
seenaa kana irra maal hubattu?
👉 karoora guddaa dhabuun waan guddaa argatan akka itti fayyadamne nama gooti. namichi sun eelee xiqqo jijjiruun kan itti ulfaatee akkamitti jireenya isaa jijjiraree?
🙏kanaafuu, karoora dhabuun mo’amuu fida🙏

What is your career plan?
BALAAWWAN IJA KEENYA MUDACHUU MALAN (OCULAR TRAUMA)======================Jiruu fi jireenya taasifnu keessatti balaawwan garaagaraa, kanneen akka balaa rukuttaa, waraansa, balaa keemikaalaa, balaa elektirikaa,yookaan balaa ibiddaatiif saaxilamuu dandeenya.Qaamolee biroo waliin wal-bira qabnee yeroo ilaallu hagas mara heddummaachuu baatus, iji keenyas balaawwan kanaan miidhamuu danda’a.Battala balaan mudatutti, libsachuu, ija keenya haguuguu fi fuula keenya gara biraatti naannessuun kan amaleeffatame dha. Gochi kunneen ija keenya balaarraa eeguuf gargaaru.WANTOOTNI BALAA IJAAF NAMA SAAXILAN MAAL FA’A? (RISK FACTORS)——————Taateewwan akka tasaa mudatanii fi of-eeggannoo keenyaan ol ta’anbalaa ijaa nurraan ga’uu danda’u. Isaanis: wantoota saffisa guddaan furguggifaman (mismaaraa fi kkf), wantoota baay’ee xixiqqoo ta’an, keemikaalota faca’an tokko tokko (bulbula asiidii, bulbula beezii fi kkf), wantoota karaa cinaatiin ija keenyatti furguggifamanii fi kkf fa’a.Akka waliigalaatti, wantootni balaa ijaaf nu saaxiluu malan kanneen armaan gadii ti.(1). Qaruuraa dhugaatii of-eeggannoo malee banuu.Dhugaatii warshaalee keessatti qophaa’an of-eeggannoo malee banuun balaa ijaatiif nu saaxiluu danda’a.Akkuma kana, manatti kan qophaa’anis yeroo dheeraaf ukkaamfamanii yoo turan, si’a banaman balaa ijaatiif nusaaxiluu malu. Balaan akkanaa tibba ayyaana waggaa heddummaata.(2). Hojiiwwan tokko tokko:Hojii mukaa, hojii sibiilaa, dhagaa cabsuu fi kkf irratti hirmaachuu, warshaalee garaagaraa keessa hojjechuu, keemikaalota addaa addaa fayyadamuu fi kkf.(3). Lolatti hirmaachuu yookaan araaraaf gidduu seenuu.(4). Tapha ispoortii: keessumaa immoo, tapha buunyaa (aboottee) fi tapha kubbaa irratti hirmaachuu.(5). Saffisa ol’aanaan doqdoqqee oofuu.Yeroo akkanaa, ilbiisotni qilleensa keessa balali’an illee miidhaa cimaa nurraan ga’uu danda’u.(6). Balaa konkolaataa:Akkuma qaamolee keenya biroo, iji keenyas balaa kanaan miidhamuu danda’a.(7). Dandeettiin arguu keenyaa gadi bu’aa yoo ta’e.Iji sirriitti arguu hin dandeenye irra-deddeebiin balaaf saaxilamuu danda’a. Argaan ija tokkoo yoo bade, iji kaanis salphaatti balaaf saaxilamuu mala.(8). Wantoota biroo:Fakkeenyaaf: rakkoon gaggabdoo yeroo nama mudatu, ijii fi qaamoleen biroo balaa garaagaraaf saaxilamuu danda’u.HUBADHAA!Daa’imman namoota kaan caalmaatti balaa ijaaf saaxilamoo dha. Sababni isaas, wantoota balaa fidan adda baasanii beekuu dhabuurraan kan ka’e ittiin of-miidhuu danda’u.BALAA IJAA AKKAMIIN ITTISUU DANDEENYA? (PREVENTION)———————–Of-eeggannoo barbaachisan mara taasisuun balaa ijaa ofirraa ittisuu ni dandeenya. Akka fakkeenyaatti:1. Dalagaan keenya balaaf kan nu saaxilu yoo ta’e, meeshaalee of-eeggannoof oolan (safety equipments) fayyadamuu qabna.Hojii akkamii kan hojjennu yoo ta’e?Hojii mukaa fi sibiilaa, dhagaa cabsuu, warshaalee garaagaraa keessa hojjechuu fi kkf.Meeshaalee akkamii fayyadamuu qabna?Haguuggii fuulaa (face shield), haguuggii ijaa (goggles), yookaanmarayaa of-eeggannoof oolan (safety spectacles) fa’a fayyadamuu qabna.2. Daa’imman bakka hojii keenyaa akka hin dhufne ittisuu qabna.3. Itti-fayyadama keemikaalaa sirriitti beekuu qabna.Keemikaalota fayyadamnu mara of-eeggannoo gaariin qabachuu qabna.Kanneen faayidaan ala ta’anis bifa miidhaa uumuu hin dandeenyeen dhabamsiisuu qabna.Keemikaalota hunda bakka daa’imman arguu fi ga’uu hin dandeenye kaa’uu qabna.4. Tapha ispoortii tokko tokko irrattis meeshaalee of-eeggannoof gargaaran fayyadamuu qabna.5. Doqdoqqee yeroo oofnu saffisa hir’isuu, haguuggii mataa fi kan fuulaa (heelmeetii) yookaan immoo marayaa bal’aa fayyadamuu qabna.6. Lola keessatti hirmaachuurraa of-qusachuu qabna. Akkuma kana, araara buusuuf lola gidduu yeroo seennuseeggannaa ofiif gochuu qabna.7. Ija tokko qofa kan qabnu yoo ta’e:Marayaalee of-eeggannoof gargaaran fayyadamuu qabna. Akkuma kana, lola keessatti hirmaachuu irraas of-qusachuu qabna.HUBADHAA!Wantoota miidhaa fiduu malan kamuu daa’imman keenyarraa fageessuu qabna.(Kitaaba FAYYAA IJAA, fuula 225 hanga 240 keessaa gabaabbatee kan fudhatame).AYYAANA GAARII!DR. SANYII JALQABAA, ISPEESHAALISTII IJAA.

What is your career plan?




What is your career plan?




Until my candidacy for Mayor of WordPress is officially recognized. I will not endorse the casual whims of tyrannical despots while my lawful right to run for office is denied me! The people have spoken, and yet you continue to perpetuate this ridiculous charade and insult me and my constituents by ignoring the pleas…Nay! THE […]
I refuse to answer this…
