Mee Akkas Godhi…❶ Namoota fakkeessitoota jireenya kee keessaa baasi isa gochuun kee hamaa ta’uu kee osoo hin taane of kabajuu kee agarsiisa!.❷ Namoonni fakkeessitoonni gaaddidduu kee fakkaatan…gaadidduun kee sirritti sitti dhiyaatus jireenya kee keessatti gaaddisa siif ta’ee hin beeku hubadhu akkasitti!.❸ Namoonni fakkeessitoonni yoo qaruuteedha ykn qabaataadhas jedhanii si yaadan qofa si cinaatti argamu…hiriyoonni dhugaa garuu gowwaas taatee dhaba keessattis sirraa hin fagaatanii beeki!.❹ Jireenya kee keessatti guyyoota gaddisiisaa si mudatan keessaa tokko guyyaa namoonni ati hiriyaadha jettee yaaddu…hiriyaa kee akka hin taane itti beektuudha beeki!. ❺ Namni ati hiriyaa kiyya dhugaati jettee yaaddu gaafa duubaan si waraanu miira sitti dhagahamu caala wanti si dhukkubsu hin jiru hubadhu!. May 10 2024May 30, 2024 Share this:Share Email a link to a friend (Opens in new window) Email Tweet Share on Telegram (Opens in new window) Telegram Share on Threads (Opens in new window) Threads Share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp PostLike Loading... Published by Sadem Abrahim View all posts by Sadem Abrahim