Waltajjiin marii guddina barnoota waliigalaa irratti gaggeeffamaa jira.          ——————– // ————————————————————————————————————————————————————————————————- (Fulbaana 13/2017) Waltajjii marii kana irratti kan argaman Ministirri Barnootaa Piroofeesar Berhaanuu Neegaa damicharratti bu’a qabeessa ta’uuf ciminaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Keessattuu, lammiileen Itiyoophiyaa hundi carraa barnoota qulqullina qabu akka argatan wal qixa akka qabaatan gochuu;  Qaawwa dureeyyii fi harka qalleeyyii gidduu jiru cufuuf hojjechuu qabna jedhan. Biyyi kun jijjiiramuu kan danda’u yeroo sirni barnootaa jijjiiramuu danda’u qofa akka ta’e Ministirri kun, haaromsi hedduun bocamee hojiirra ooluu isaa hubachiisaniiru. Manneen barnootaa mootummaa keessatti baruu fi barsiisuu fooyyessuu irratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsuun, sochiin bu’uuraalee manneen barnootaa dhaloota egeree fooyyessuuf taasifamaa jiru itti fufiinsa qabaachuu akka qabu ibsaniiru. Bara kana barattoonni kutaa 12ffaa kuma 150 ta’an qormaata isaanii toora interneetii irratti akka fudhatan qophiin taasifamaa jira jedhan. Haala amma jiruun kitaabonni barattoota sadarkaa lammaffaa tokko tokkoon kan dhiyaatan ta’uu ibsuun, kitaabonni barattoota sadarkaa tokkoffaa fi giddu galeessaa tokko tokkoon waan hin dhiyaanneef naannoleen ciminaan akka hojjetan dhaamaniiru. Kana malees, rakkoo dhiyeessii barsiisotaa furuuf eebbifamtoonni damee barnootaa adda addaa irraa leenjii peedaagoojii addaa fudhatanii ogummaa kana akka seenan ni jajjabeeffamu ta’uu ibsaniiru. Ministirri Ministeera Misooma Barnoota Waliigalaa Aadde Ayelech Eshete gama isaaniitiin waltajjiin marii kun hojiiwwan ijoo ji’oota jahan darban damee kana keessatti hojjetaman irratti kan mari’atu ta’uu ibsaniiru. Kunis bakka namni tokko hojiirra oolmaa haaromsaa fi hojiiwwan gurguddoo keessatti muuxannoo isa kaanii irraa barachuun, qormaataa fi furmaata mudate irratti mari’achuun, kallattii itti aanu kaa’uu danda’u ta’uu ibsaniiru. Waltajjii marii kanarratti hoggantoonni Biiroo Barnoota Bulchiinsa Naannoo fi Magaalotaa fi qooda fudhattoonni biroo hirmaataniiru.

Leave a Comment