🦚KAROORA DHABUUN- INJIFATAMUU DHA!!!🦚

Mee na caaqasaa! namoota lama ta’anii qurxumii qabuuf laga deeman. achii kiyyo(haada ittin qaban) isaanii darbaachuu jalqaban. akkuma beekamu kiyyoon isaanii qurxumii qabee fiduu jalqabe. inni tokko qurxummii kiyyoon isaa qabee fiduu hundaa keessa baafachuun qodaa isaa kessa kaa’uu jalqabe.

Inni isaa wajjin jiru immoo yeroo kiyyoon isaa qurxummilee gurguddaa qabee fiduutti; quxumiilee ishee xixiqqoo keessa fudhachuun warra gurguddaa keessatti deebisa. hiriyaan isaa sun maaliif qurxuummii isaa gurguddaa keessaatti deebistee ishee xixiqqoo qofa fudhattaa?

kaayyoon nuti dhufnee iyyuu yoo akka carraa argannee qurxummilee gurguddaa qabachuudha mitii? jechuun gaafatee. namichis akkas jechuun deebiseef, ” utuu qurxummiilee warra gurguddaakana akkumaa kee fuudhee galee baay’ee namatti tola ture. garuu, mana kootii eeleen irraatti bilcheeffannu xinnoo waan tateef qurxumiilee gurguddaan na hin  barbaachisaan” jedhee deebiseef.

hiriyaan isaa sun gadduun akkas jedhe ” qurxumiilee gurgudda dhiistee galuu moo galtee eelee kee ishee xiqqoo jijjiiruu wayya turee?” jedheen jedhama.
.
.
seenaa kana irra maal hubattu?

👉 karoora guddaa dhabuun waan guddaa argatan akka itti fayyadamne nama gooti.   namichi sun eelee xiqqo jijjiruun kan itti ulfaatee akkamitti jireenya isaa jijjiraree?
                   🙏kanaafuu, karoora dhabuun mo’amuu fida🙏